Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Tigraay Affaar Keessa Mooraalee Lama Keessa JIran Akka Gad-lakisaman Koomishiniin Mirga Namootaa Itiyoophiyaa Gaafate


FAYILII - Hidhaataa naannoo Affaar mana waraanan barbadaahe bira yeroo darbu, Affaar, Guraandhala 25, 2022.
FAYILII - Hidhaataa naannoo Affaar mana waraanan barbadaahe bira yeroo darbu, Affaar, Guraandhala 25, 2022.

Bulchiinsaa naannoo Affaar Mooraa Samara fi Agaatinaa keessatti namoonni jiraan akka attatamaan gad lakisaman Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen gaafatee jira.

Gabaasin GebreMikaa’el GebreMedihin ibsa Komishiinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa wabefachuudhaan qopheesse akka jedhetti namoottan moorrawan sana keessa jiran irratti wantii raawwatee hidhaa gosaa irrati hundaa’edhaa.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Itiyoophiyaa Ebilaa 15 amma 20 ti mooraalee lamman keessatti hordoffii taasiseen, bakkaawwan Abi Ala, Koneba fi Barehaalee jedhaman irraa walti qaban fi lammiilee saba Tigray ta’an kuma Sagaltu argamu.

Namoottan kun kan mooraa sana keessatti waliti qabaman nageenya isaaniitif eegumsaa akka argataniif malee hidhamanii akka hin taane kan VoA ti dubbatan haanga’onii naannoo Affar , nammottan sana bakka dhufanitti deebisun kan danda’amu haalli baakkii isaan irraa dhufanii yoo fooyya’e qofa akka ta’ee ibsanii, innis ji’a lamaa amma Sadii fudhachuu danda’a jedhaniiru.

Baayi’inaa namoottan mooraawan lamman kana keessa jiranii ilaalchisee lakoofsaa adda adda jiraachuu isaa kan ibsee gabaasni Gebre Mikaa’el GebreMedihiin, Komishiinin mirgaa namoomaa Itiyoophiyaa kuma Sagal, Mootummaan Naannoo Affaar 7800 akkasumas, gabaasonii maddii oduu Rooyitars dhiheenya kana dhiheesse kuma Torbaa Amma kuma 12 ti akka tilmaame ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG