Mootummaan naanoo Amaaraa haleellaa qindaawaa ta’e wareen "Shororkeesitaa" jedhee waameen magaalotaa naanichaa adda adda keessatti raawwataman fashaleesuu isaa akka ibse Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa gabaasteetti.
Dubbii himaan Mootummaa naanichaa obbo Gizaachewu Muluneh oduu gabaastotatti yemuu dubbatan, yaaliin gareen isaan shororkeestootaa jedhanii waaman taasisan, tarkaanfiin seeraa kabachiisuu mootummaan naannichaa fudhachaa ture akka itti fufu kan taasisuudhaa jedhaniru.
Magaalaa gudditti naanichaa Baahir Daar kessatti jalqaba torban kana dhoohisii Afur akka raawwatee turee kan ibse gabbasin Asteer Misgaanawu dhoohisaa sanaan midhaan qaqqabee akka hin jiree beekisiseera.