Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Daangaa Itiyoophiyaa Irratti Haleellaa Raawwachuun Gabaasame 


Mootumaawwan Itiyoophiyaa fi Sudaan waltii bu’insaa tibbanaa isaan gidduutti uumame babaldhisuu irraa akka of qusatan yemmuu gamtaan Afrikaa gaafachaa jiruu kanatti qibxataa dheengaddaa loltoonni Mootummaa Sudaan haleellaa meeshaa waraanaa gurgudda taasisuudhaan bakka Jabal Kala al-Laban jedhamu qabachuu isaanii gabaasinii Henerii Wilkins madda oduu Rooyotersin waabefachuudhaan Finfinnee irraa VOA dhaaf qindeesse ibsee jira.

Du’aatii loltootaa isaa Toprbaaf haaloo akka bahu mootumman Sudaan dhaadachuu isaa kan ibse gabbasin kun, tarkaanfiin Jabal Kala al-Laban irratti fudhatameeraa jedhames deebii dhaadannoo Sanaa ta’uu danda’a jedheeraa. Haleellaa loltoonni Sudaa Raawwataniiru jedhame kanna irratti mootummaa Itiyoophiyaa irraa deebiin keename hin jiru.

Biyyottan lamman walwaraansaa keessa galuu danda’uu laata? gaaffii jedhuu irratti xiinxaltoonni gabaasan VOA haasofsiise walwaraansii akka ta’uu hin dandeenye kan himan.

Xinxalaan siyaasaa Sudaan Shawgii Abdulazim akka jedhanitti biyyotan lammanuu biyya keessatti rakkina Siyaasaa fi dinagdee keessa waan jiraniif yoo walwaraansa keessa seenan badiinsa guddaatu uumamuu danda.

Gazexeessaa sudaan kan ta’e Abdelmoneim Abuu’idris walti bu’insicha ilaalchisee yemuu duubatu," gara wal waraansatti waan deemu natti hin fakkaatu. Walti bu’insii xixiqqoon asii fi achiiti itti fufuu malu. Yeroo hundumaa yemuu roobinii naannoo sana irrati jalqabu waltii bu’insii hin uumama. Qotee bultoonii yeroo sana waan lafa qotaniif," Jedhee jiraa.

Gamaa Itiyoophiyatiins kan yaadaa kennan xiinxalaan Kiram Taaddesee , dhimoottan biyya keessa jerani fi haalaa Siyaasaa Naanichaa irraa kan ka’ee Itiyoophiyaan daangaa ishee ittisuu irraa kan hafee warran keessa waan seentu natti hin fakkatu jedhaniiru.

Sayintistii siyaasaa Sudaan kan ta’an profeser Salah Al Doma gamma issanitiin , mootummaan Sudaan walti bu’isaa daangaa keessaa kan galuu barbaadu muddama siyaasaa biyya keessa jiru qabbaneesuudhaaf jechuu isaanii gabasini Henerii Wilknis ibseeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG