Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmiin Daangaa Naannoo Al-Fashaqaa Maal Irra Jira? 


Humnoonni Itiyoophiyaa loltoota Sudaan daangaa isaanii falmisiisaa ta'e irratti ajjeesan himannaan jedhu Finfinneen haaltee jirti. Kunis, waldhabdee waggoota kurnan lamaan darbaniif lafa lalisaa kana Irratti ture deebisee kaase.

Al-Fashaqaa irratti muddamsii hooggantoota naannichaa sodaachisee, humnoota wal morkatan Sudaanii fi Itiyoophiyaa gidduutti lafaa fi bishaan gaanfa Afrikaa irratti waldhabdee bal’aa ta’eef sooratee jira.

Kaartuum torbee darbe Al-Fashaqaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen waraanni Itiyoophiyaa loltoota Sudaan torbaa fi nama nagaa ajjeese jechuun eega himattee booda, Finfinnee irraa ambaasaaddara ishee akka waamtu Wiixata dabree beeksiftee turte.

Sudaan akka jettetti loltoonni ishee waxabajjii 22 naannoo Sudaan irraa butamanii gara Itoophiyaatti kan geeffaman yoo ta'u, boodarra ajjeefamanii reeffi isaaniis midhaan irra ga’eera jetteetti.

Hogganaan waraanaa Sudaan Abdel Fattah al-Burhaan naannoo falmii kan biyyoota lamaan daawwannaa taasisaniin loltoonni lafa sudaan irratti ''sochii haaraa ykn weerara kamiyyuu akka hin hayyamne'' qajeelfama kennaniiru.

Waraanni Itiyoophiyaa deebii kenneen ajjeechaa kana keessatti gahee kamiinuu akka hin qabne, garu yoo ajajii kennameef humnoota Sudaanin lafa qabame jiru kamirraayyuu ari'uuf dhaadate.

Finfinneen akka jettuutti miidhaan irra gahe milishaa biyya keessaa waliin walitti bu’iinsa uumameen kan dhufe ta’u fi, humnoonni Sudaan dachee Itiyoophiyaa fudhatan jechuun himataniiru.

Muddmsii cimee yeroo deemu kanatti Gamtaan Afrikaa fi gareen hoggantoota naannoo tasgabiin akka bu’u gaafatan.

Obbo Dammaqaa Mokonnan waa’ee Sudaan Irratti Ibsa kennan

FAAYILII - Itti aanaa muummee ministiraa Itiyoophiyaa fi ministirri haajaa alaa Ityoophiyaa Dammaqaa Makonnan
FAAYILII - Itti aanaa muummee ministiraa Itiyoophiyaa fi ministirri haajaa alaa Ityoophiyaa Dammaqaa Makonnan

Itti aanaan muummee ministiraa Itiyoophiyaa fi ministirri haajaa alaa Ityoophiyaa Dammaqaa Makonnan mootummaan Sudaan muddamsa daangaa haala hin barbaachifneen hammeessuu fi dhimmicha idil-addunyaa taasisuu irraa akka of qusatu gaafataniiru.

Obbo Dammaqaan waa’ee dhiheenya kana ta’e daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan irratti mudate ambaasaaddarootaa fi dippilomaatota Afrikaaf ibsaniiru. Kanas humnoota waraanaa Sudaan garee shororkeessaa Wayyaanee ittiin jedhan waliin ta'uun qopheessee fi qindeesse jedhan.

Gama biroon hidhattonni sudaan naannoo daangaa irratti meeshaalee gurguddaan dhukaasii bananiin abbootii qabeenyaa invastmeentii qonnaa irratti bobba’an akka dheessan gochuu isaa bulchaan goodiina Gondar dhiyaa Bikiis warqee ibsanii jiru.

Guyyaa sadii dura karaa gama Abdiraarii fi Armaacoon dhukaasii bananii turan har’a dhaabachuu isaa fi namoota nagaa irratti midhaan geesisee akka hin jirre, gareen qoratuus ergamuu bulchaan kun ibsanii jiru.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad sabaa himaa hawaasaa kan ofii irratti Afaan Arbaan barreessniin uummanni Itiyoophiyaas ta’e kan sudaan filannoon isaa nagaa dha jedhan.

Dhimma kana ilaalchisee dura ta’an komiishiina gamtaa Afrikaa Musaa Faakii maahmat gidduu kana ibsa baasaniin, biyyoota lame giddutti dura dhaabannaan waraanaa hammaataa jiru na yaaddeessee jira jedhanii gam lameen gocha isaanii irraa of qusatanii gara mariitti akka dhufan gaafatan.

Naannoo daangaatti lubbuu namoota dabreef gadda guddaatu natti dhaga’ame jechuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaaste e jirti

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG