Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Har’a Yukreen Irratti Haleellaa Gaggeesitee Jirti 


Ministeerri ittisaa Raashiyaa Kamisa darbe akka jedhetti, erga Moskoo ji’a afur dura weeraramtee as mallattoo diddaa Yukireen ta’e, Odoola snake kan Yukireen irraa duubatti deebi’uu ishee ibseera. 
Ministeerri ittisaa Raashiyaa Kamisa darbe akka jedhetti, erga Moskoo ji’a afur dura weeraramtee as mallattoo diddaa Yukireen ta’e, Odoola snake kan Yukireen irraa duubatti deebi’uu ishee ibseera. 

Haleellaa misaa’elaa Raashiyaan Jimaata har’a Yukireen naannoo Odesaa keessatti raawwatte yoo xiqqaate namoonni 17 ajjeefamniiru. Haleellaa kanaan namoonni kurnootaan lakkaa'aman madaa'aniiru. Bakkeewwan xiyyeeffannoo argatan keessaa yoo xiqqaate tokko gamoo mana jireenyaa ture.

Ministeerri ittisaa Raashiyaa Kamisa darbe akka jedhetti, erga Moskoo ji’a afur dura weeraramtee as mallattoo diddaa Yukireen ta’e, Odoola snake kan Yukireen irraa duubatti deebi’uu ishee ibseera.

Iddoon kun Ji’a afur dura Moskoon erga weerara jalqabdee as mallattoo diddaa Yukireen ta’ee ture. Raashiyaan odola Galaana Gurraacha naannoo magaalaa buufata doonii Odesaatti argamtu sadarkaa jalqabaa waraanaan erga qabattee booda akka bakka waltajjiitti fayyadamtee turte,

Iddoo sana irraa Yukireen irratti haleellaa banuun buufata doonii Yukireen irratti waan ergamu hordofaa turte.

Garuu Yukireen humnoonni Raashiyaa akka bahan mirkaneessitee, humnoonni Yukireen halkan tokkotti haleellaa misaa’elaa fi meeshaa waraanaatiin odola kana erga rukutanii booda humnoonni Raashiyaa hafan bidiruu saffisaa laman akka miliqan taasiseera jetteetti. Hogganaan waajjira Pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskii Andriy Yermak humnoonni Raashiyaa odola kana keessaa ba’uu mirkaneessaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG