Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Nageenyaa Ilaalchisee Jiraattonni  Tigraay Yaada Kennanii Jiru 


FAAYILII - Magaala Maqalee, Tigraay Amajjii 5, 2020.
FAAYILII - Magaala Maqalee, Tigraay Amajjii 5, 2020.

Paartiin badhaadhinaa wal waraansa karaa nagaan furuuf murteessuu isaa torban kana ibsuu isaa hordofee bulchiinsa naannoo Tigraay keessaa jiraattonni maqalee fi Wuqroo yaada kennanii jiru.

Maqalee irraa yaada kan kennan ObboNaabayaa Taazebee akka jedhanti uummanni Tigraay wal waraansii ituu hin jalqabamiin dura karaa nagaan haafuramuu jechuun gaafataa kan ture ta’u ibsanii qophii tahuu kee kan ittiin agarsiistu ibsaan ni jira, Bilbilli jira, baankiin jiraa . . . isaan kana hunda cuftee, nagaaf qophii dha jechuun xiqqoo ni shakkisiisa jedhan.

Obbo Gabra Hawaariyaat Mabraahtuu akka jedhantisirnii jiru yeroo dheeraaf amanamaa miti.Mootummaan yeroo bitachuuf malee faayidaa hin qabu jedhan.

Rakkoo jiru furuuf akka heerri biyyatti jedhutti bu’aa biyyaa haala eegeen karaa gamtaa Afrikaa ilaalama isa jedhu irrattiObbo solomoon Barhee yaada kennaniin,ka heera mootummaa hundeeffate ennaa jedhan Tigiraay bulchiisa naannoo tokko jedhanii yaadu. Naannoo dha, isaan boor Raayyaan jiru akka diigamu barbaadu jechuu dha.

Tigiraay raayyaa ittisaa yoo hin qabaanne immoo mootummaan Itiyoophiyaa irra deebi’ee sanyii keenya duguuguuf socho’a jedheen yaada.

Kanaaf, sun waan tahu natti hin fakkaatu. Lammaffaa immoo Gamtaan Afrikaa nu haa araarsu, qaama ka biraa hin barbaadnu kan jedhu lafa kaa’anii jiru. Gamtaan Afrikaa immoo waraansichi seera-qabeessa jedhee eebbisee akka ergetti dha kan ani yaadu. Sababaalee kanaaf ammas deemsi nagaa kun ni milkaa’a amantaa jedhu hin qabu a nagaa akka furamuu barbaadu jechuun Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG