Guyyoota darban kudhaniif addaan cite kan ture balaliin xayyaaraa kan gargaarsa gara Maqaleetti geessuu amma jalqabamuun ibsamee jira.Kunis Sanbata hojjattonni gargaarsa dhala namaa hojii kun jalqabamuu isaa RSAf mirkaneessauun hojjattonni gargaarsaas maqalee irraa gara Finfinneetti imaltuu jalqabuu ibsan.
Magaalaa Maqalee keessa kan jiru balabala waajirri jaarmyaa nyaata addunyaa irratti, tokkummaan mootummootaa tajaajiila gargaarsa deddebisuu kan xayyaaraan gaggeeffamu jalqabuu isaa ibsuun waraqaa maxxansee jira.
Addi Bilisummaa Uummata Tigraay balalii gargarsaa kana xayyaaronni deddeebisan dirree xayyaaraa Maqalee akka hin qubanne taasisee jechuun tajaajilli kominikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa ibsee ture.
Waajirri haariroo alaa kan Tigraay gama isaan, balaliin kan addaan cite dirreen xayyaaraa hojii isaa gaggeessuuf boba’a dhabuu isaan ta’u ibse.
Mootummaan Itiyoophiyaa haala guutuummaan jechuun dandeesisuun boba’an Tigraay akka hin seenne dhorkuu isaan rakkoo uumamee jechuu isaa Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.