Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Minsteeraa Abiy Ahimad Hoogganaa Mootummaa Sudaan Waliin Dubbachuu Himan


Abiy Ahmed Ali
Abiy Ahmed Ali

Muummeen Ministeeraa mootummaa Itiyoophiyaa Abiyi Ahimad hogganaa mootummaa loltootaa Sudaaniin bulchaa jiruu Abdul Fattah Al-Burhaanii wajiin Naayiroobii keessatti qibxata har’aa wal arganii maryachuu isaanii ibsaniiru.

Marii hogganaa mootummaa sudaan wajiin tasisan ilaalchisanii fuulaa Tiwutarii isaanii irratii kan ibsab Abioyi Ahimad, dhimmoottan biyyoottan lammanii irratii waliin hojjachuudhaaf akka walii galan himuu isaanii maddi oduu ajaan fraans Prees gabaaseera.

Hoggantoonni lamman keeniyaa keessatti kan wal argaan walgahii IGAD irratti akka ta’e kan ibsee gabaasinii AFP, manni maree garee loltootaa Sudaniin bulchaa jiruu hoggantoonii lamman kophaa isaanii maryachuu isaanii ibseera.

Mootummaawan biyyoottan lammanii walti bu’insaa daangaa irratti umamee, lubbuu loltootaa Sudaan 7 galaafate irratti wal balaaleffachaa akka turan ni beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG