Xurree ittiin seenan

Breaking News

HIYUMAAN RAYITS WAACH DHIITTAAN MIRGA NAMOOMAA OROMIYAA KEESSATTI RAAW’ATU XIYYEEFFANNAA ADDUNYAA ARGACHUU QABA, JEHDA


Garee mirga namaa Humaan Raayit Waach
Garee mirga namaa Humaan Raayit Waach

Dhaabbanni idilee adduunyaa mirga namoomaaf falmuu hiwumaan Raayits waach/HRW mootummaan Itiyoophiyaa garee hidhattota irratti duula geggesaa jiruun kan ka’ee lixa Oromiyaa dabalatee sarbiinsii mirga namoomaa raawwachaa jiraachiuu isaa ibsee jira.

Bara 2020 Yemuu xiyyeeffannaan aduunyaa gara Tigraayti luucefatee jiruu kaasee Oromiyaa keessatti sarbiinsii mirga namoomaa akka taasifamaa ture kan ibse gabaasinni HRW, lola muutummaan garee hidhattootaa Waraana Bilsummaa Oromoo WBO jedhamuu waliin taasisaa jiru kessaa jiraattonni yeroo dheeraadhaaf taajaajilaa bu’uraa argachaa akka hin ture ibseera.

Ajeechaa seeraan alaa fi hidhaa jimlaa rawwachuudhaan kan umnoottan mootummaa himatee ibsi HRW kun, gareen hidhatootaa gama isaatiin hannga’ootaa mootummaa naannoo akka butaniif ajjeesan galmaa’uu isaa ibsee jira.

Ajjeechaa dhiheenyaa kana aanaa Gimbii ganada Tolee jedhamu keessatti raawwatee fi waan magaalaa Gambeelaa keessatti ta’ee kan ibsee HRW, Sarbiinsii mirga namoomaa lixaa oromiyaatti raawwatu waan itti fufee jiruuf xiyeeffannaa atattamaa hawaasaa adduunyaa irraa akka argachuu qabu hubachiisuu isaa gabaasin madda Oduu AFP ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG