Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantoonni Rippuublikii Dimookiraaatawa Koongoo fi Ka Ruwaandaa Marii Nagaa Dubbachuuf Jiran


President Paul Kagame
President Paul Kagame

Prezidaantiin Koongoo Demokraatik Repabilik Feliikis Shiisekeedii fi prezidaantiin Ruwaandaa Pool kagamee Angoolaa keessatti wal arganii walti dhufeenyaa biyyottan lammanii irratti maryachuuf akka deeman maddii oduu Rooyiters gabaaseera.

mootummaan koongoo Demokiratiik Repabliik gareen hidhatootaa M23 jedhamuuf bahaa koongoo keessatii lolawaraanaa taasisaa jiru mootummaa Ruwaandatiin degerama jechuudhaan komii dhiheessaa yemuu jiru, komii sana kana aale mootummaan Ruwaandaa gama isaatiin, loltoonni koongoo daangaa isaa keessa seenudhaan garee saba Huttuu , Umna Demokiraasii Bilsummaa Ruwaandaa Jedhamu gargaaraa jiru jechuudhaan himataa jiraachuun isaa gabasamee jira.

Dhiheenyaa kana gamtaan biyyootan baha Afrikaa garee M23 jedhamuun kan lolu waraana waloo hundeesuudhaaf Naayiroobii keessatti yemuu wala argan , umna waraanaa qindaa’uu keessaatti Ruwaandaan hirmaachuu hinqabduu jechuudhaan KDR mormuun ishee n iyaadatama.

Akka haanga’oonii biyyottan lammanii maqaan isaanii hin dhahamenee barabaadan Rooyitarsit himaniti walgahichii Roobii borii ykn kamisaa iftaanii taasifama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG