Erga bara 2019 as yeroo jalqabaatiif magaalli sa’udi Arabiyaa Makkan hordooftootaa amantaa Musiliimaa Hajidhaaf achitti argamaniiin guutametee akka jirtu gabaasameeraa. Sabba Kooviid 19 kan ka’ee addaan Citee kan turee imalli Hajii Yemuu barana jalqabamuu magaala qulqulluu amaantaa Isilamaa kan taate Makkaan amantootaa hajiidhaaf imalam miiliyoonii tokko kan simachaa jirtuu yemuu ta’au, isaan keessa 850,000 kan ta’an sadarkaa adduunyaa irraa kan achitti argaman akka ta’ee gabaasameera.
Utubaa ammanta musilimaa keessaa tokko kan ta’ee sernaa hajibarana Roobii borii jalqabamu irratii argamuudhaaf namoottam makkati argaman keessaa dhaloonii isaa Boosiniya kan Ta’eef Yunaayitid Isteets irraa hajiif Makkaa kan deemee Ali Alej yemuu dubbati.
Asti argamuu kootiif hedduu gammadeera. Akka an eebifamaa ta’e natti dhagahama. Musiliimotaa Biiliyoonii lama ta’an gidduudhaan asti argama. Kanaafuu hedduun gammada. Hedduu eebifameeraa. Wantii hunduu akka bakka isaatti deebi’en argaa jira Jedheeraa.
Sernaa hajii baraanaa irratti kan hargamuu danda’an amantootaa Talallii Kooviid fudhatan fi wareen umuriin isaanii wagga 65 gadi ta’ae yoo ta’u, waree’n biyya alaa irraa dhaqan ragaa akka vaayiresin isaan keessa hin jiree agaarsiisuu kan sa’atii 72 dura mirkana’ee harkaa qabaachuu qabu jedhameera.