Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shawaa Roobiiti Keessatti Walitti Bu’iinsa Humnootii Nagaa Eegsisan Waliin Ta’een Lubbuun Namaa Darbuu Jiraattonni Himan 


FAAYILII - Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraa godina shawaa kaabaa magaalaa Shawaa Roobiit keessatti jiraattota mormiif ba’anii fi humnootii nagaa eegsisan gidduutti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota ja’aa darbuu jiraattonni dubbatanii jiran.

Torbee kana godina Wallaggaa dhiyaa aanaa Gimbii ganda Tolee jedhamu keessatti haleellaa dhalattoota Amaaraa irratti raawwatame jedhame mormuu dhaaf kamisa darbe hiriira geggeessame qindessan namoonni jedhaman hidhamuutti aansee walitti bu’iinsi uumamuu jiraattonni dubbataniiru.

Ajjeechaa Wallagga keessatti dhalattoota Amaaraa irratti raawwatame ni balaaleffanna dhaadannoo jedhu kan baatan jiraattonni Shawaa Roobiiti magaalattii keessatti hiriira geggeessuu isaanii dubbatu.

Namni obbo Isheetuu Belexee jedhaman jiraataan magaalattii mucaan isaanii Anduaalem Isheetuu rasaasa humnootii naga eegdotaan dhukaafameen du’uu isaa himaniiru.

Kan dhimmi isaa kallattiin isaani ilaallatu jedhaman bulchiinsi godina shawaa kaabaa fi hoogganni nageenya uummataa kan isaan jala jiru itti gaafatamaa waajjira nagaa fi nageenyaa Indaalee G/Medinitti dhimma isaa dabarsanis gadda irra jiraachuu himanii ragaa dabalataa kennuu irraa of qusatan.

Dura teessuun komiishina dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Beetii Muruungii Itiyoophiyaa keessatti haleellaan hammaataa dhufuun baratamuu isaa tuqanii mootummaan Itiyoophiyaa dhiittaa mirga namaa geggeessamaa jiru dhaabsisee kanneen itti gaafataman seeratti akka dhiyeessu yaadachiisanii jiran jechuu dhaan Mesfin Aragee gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG