Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Naga Eegumsa Tokkummaa Mootummootaa Lama Maalii Keessatti Ajjeefaman


Buufata Naga Eegumsa Tokkummaa, Maalii, Sadaasa 05, 2022
Buufata Naga Eegumsa Tokkummaa, Maalii, Sadaasa 05, 2022

Konkolaataan isaanii Kibxata darbe dhuka’aa dhaan erga rukutamee booda yoo xiqqaate humnoonni nagaa eegdota tokkummaa mootummootaa lama kanneen Masrii irraa ta’an du’uu fi kanneen biroo ammoo madaa’uu isaanii gurumuun Tasgabbii biyyoota irraa Walitti dhufe kan tokkummaa Mootummoota Maalii keessa jiru Kibxata darbe beeksiseera.

Dhohinsi kun magaalaa Tessalit fi magaalaa Gaa'oo gidduutti kan mudate ta'uu gurumuun kun ibsee jira.

Waldhabdeen kun waggoota kurnan oliif kan ture yoo ta’u, yeroo finciltoonni Islaamummaa kutaa kaaba biyyattii keessatti socho’uu jalqabanii qabee itti fufee jira. Hidhattoonni kun gariin isaanii al-Qaayidaa fi IS waliin hidhata qabu jedhamee amanama.

Rooyitars akka gabaasetti hidhattoonni kun qaamonni nagaa eegsisan jiraatanis, cimina argatanii jiran.

Walitti bu’iinsi kun namoota kumaatamaan lakkaa’aman du’uu fi miiliyoonaan kanneen lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’uuf sababaa ta’uu Rooyitars gabaaseera. Ji'oota jahan jalqabaa bara 2022 keessa humnoonni nagaa eegsisan kudhan ajjeefamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG