Bulchaan bulchiinsa Yukireen bahaa Donetsk Kibxata darbe akka jedhanitti, sa’aatii 24 darban keessatti dhukaasi Raashiyaa lammiilee nagaa shan ajjeesuu fi 21 isaanii madaa’uu isaanii ibsaniiru.
Paavloo Kyrylenko Telegram irratti akka barreessetti du'i namoota kanaa kan raawwatame Avdiivka, Sloviansk, Krasno-horivka fi Kurak-hove keessatti. ''Yakki hundi adaba ni argata,'' jedhan Kyrylenko.
Raashiyaan Kibxata darbe magaalattii irratti kan kantiibaan magaalaa Sloviansk Vadim Lyakh ''haleellaa guddaa'' jedhan jalqabde.
Gaaffii fi deebii televijiinii Yukireen irratti taasisaniin Liyaak, jalqaba jiraattonni akka baqatan dhaamaniiru. Sa'aatii muraasa yaada jijjiiruu dhaan dahata akka barbaaddatan gorsan. Weerara Raashiyaa ji’a afur oliin dura dura magaalattiin baayy’inni lakkoobsa uummata 107,000 ture.
Humnoonni Raashiyaa torban kana bulchiinsa ollaa Luhaansk kan to’atan yoo ta’u, Donetsk keessatti yeroo tarkaanfachaa jiranitti haleellaa Sloviansk fi Bakhmut irratti geggeessaa jiru, walakkaan naannichaa Raashiyaan duraanuu to’attee jirti.
Yukireen akka jettetti, kibba magaalattii irraa humnoonni Raashiyaa gara magaalota dabalataa lamaatti socho’uuf yaalaa kan jiranii fi naannoo Kramatorsk jiranitti dhukaasuuf yaalaa akka turan dubbatteetti.
Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargei Shoigu Kibxata darbe akka jedhanitti, hanga galmi Puutiin kaa’an hundi bakka ga’utti waraanni Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru itti fufa.