Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Eenyummaan Isaa Hin Beekamne Galmee Marsariitii Chaayinaa Odeeffannoo Jiraattota Biliyoona Tokko Qabu Cabsuun Seene


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Marsariitii cabsuu dhaan seenaa keessatti isa duraa kan ta’en namni daataa guddaa kan namoota dhuunfaa lammiiwwan Chaayinaa biliyoona tokkoo argachuu isaa himee jira.

Fayyadamaan maqaan isaa hin ibsamne fooremee hakerootaa irratti maqaa “ChinaDan” jedhu fayyadamuun torban darbe kuusaa galmee guddaa kana maallaqa dijitaalii kan to’annaa baankilee fi mootummaa irraa walaba ta’e kan “bitcoin” jedhamu 10 gurguruuf dhiheesse, gatiin isaas gara doolaara kuma 200tti tilmaamma.

Fayyadamaan kun ragaan kun kuusaa ragaa poolisii Shaangaayii eegumsa hin qabne irraa kan argame yoo ta'u, waggaa tokkoof ummataaf kan dhiyaatu ta'uu dubbateera. Fayyadamaan kun kuusaan odeeffannoo kun odeeffannoo dhuunfaa kanneen akka maqaa, teessoo, guyyaa dhalootaa, lakkoofsa eenyummaa biyyaalessaa fi galmee yakkaa bal’aa of keessaa qaba jedheera.

Caasaan oduu CNN akka jedhutti galmeewwan digdamii afurii ol ta’an dhugaa ta’uu isaanii mirkaneessee jira, garuu kuusaawwan galmee jalqabaa argachuu hin dandeenye.

Qondaaltonni poolisii Shaangaayii gaaffii dhaabbileen oduu galmee cabsamee seename jedhame irratti yaada kennuudhaaf dhiyeessaniif deebii hin kennine.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG