Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Hidhatootaa Aanaa Addaa Ammaarroo Keessatti Raawwateen Namoonni Sadii Du’anii Jiru


Naannoo Amaaroo
Naannoo Amaaroo
Bulchiinsa naannoo sabaa fi sab-lammii kibba Itiyoophiyaa aanaa addaa Ammaarroo ganda daannoo jedhamu keessatti hidhattoonni qonnaan bultootaa Sadii ajjeesuu isaanii jiraattonni gandichaa VOA ti himani jiru.

Itti gaafatamaa nageenyaa fi tasgabbii aanaa addaa Ammaarroo oboo Biruuk Ayelee wabeffachuudhaaan gabaasaan VOA Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa dhiheesse akk ibsetti, haleellaa raawwate Kanaan qonaan bultootaa ajjeefaman Sadii alatti namoonni lamma madaawanii, beelladoonni maatiwwan 12 hidhatootaan fudhatamaniiru.

Namoottan gochaa sana Ijaan argan keessaa obbo Yaa’iqob Zakariyaas akka VOA ti himanitti, namoonni sadan ajjeefaman Obbo Tigree Boonsoo,obbo Birhaanuu woodanoo fi obbo Fuutennoo Cuuja kan jedhamanuudha.

Nammii gabaasini Yoonaatan Zebdiyoos akka ragaatti fudhateef oboo Weredee jedahaman akka jedhanitti, haleellaa sana kan raawwataan hidhatootaa garee Waraanaa Bilisummaa Oromoo jedhee of waamuu isa mootummaan Shanee jedhee waamuudha.

Itigaafatamaan nageenyaa fi tasgabbii aannichaa Oboo Biruuk Ayelee haleellaan akkanaa dabalaa dhufuu isaa kan himan yemmuu ta’u , mootummaan naannoo fi feederaalaa nageenyaa namoottan nagaa eegsisuudhaaf maal akka gochaa jiru kan gaafataman , itti gaafatamaan dhimma nageenyaa fi tasgabbii bulchiinsa Kibba Itiyoophiyaa Obbo Alamayyoo Baawudii akkan jedhaniiru.

Godinaa Gede’oo , aanaa addaa Ammarroo fi Burjii keessatti gochaa nama gaddisisu raawwata. Dhiheenyya kana naannowan lamman wal arganii tarkanifiin dhumaa fudhatamee naannoo kana irraa gareen kun badee nageenyii ummataa mirkana’uu qaba ejjannoon jedhu fudhatamee irratti hojjatamaa jira.>>

Ajeechaa gandaa Daannoo keessatti raawwatame kanaf kan himatame waraanaa bilisumaa Oromootiif dubbi himaa kan ta’n obboo odaa tarbii VOA dhaaf deebii keenaniin dhaabnii isaanii gochichaa raawwachuu isaa haalaniiru.

Haleellaan akkanaa naannoodhuma sanattii bulchiinsa Oromiyaa jalati kan argamuu aanaa Galaanaa keessatti raawwatamaa jiraachuun isaa gabaasamaa akka ture gabaasinni Yoonaataan Zebdiyoos yaadachiiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG