Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaliyaa keessatti balaa boombii qaqqabeen namoonni Lama du’aniiru


Faayilii: Haleellaa boombii Somaaliyaa
Faayilii: Haleellaa boombii Somaaliyaa

Somaliyaa keessatti balaa dhoohinsaa bakka adda addaa Lamatti raawateen qondaalaa unma nageenyaa dabalatee namoonii lamma ajjeefamuu isaanii Mohamed Dihaysane Moqaadishoo irraa gabaaseera.

Akka haanga’onni mootummaa jedhanitti balaan inni duraa kan qaqqabe magaala kibba lixaa biyyatii argamtu Afgooyee keessatti yemuu ta’uu boombiin karaa irratti awwalamee konkola’ataa isaanii haleelee qondaalaa umna nageenyaa Mohamed Abdi Madobe ajjeesee jira.

Gochaa kanaaf gareen Al Shabaab itti gaafatamumaa fudhachuun isaa ibasamera. Balaa boombii biroo magaalaa Moqaadishoo keessatti bakka Dhaarkenlii jedahmuutti muudateen nammii wagga 20 mana hidhaa Italiyaa keessaa turan Omar Hashii Hassan ajjeefamu isaanii dubbi himaan poolisii Somaliyaa Abdifatah Adan VOAti himaniiru.

Namii balaa boombii kanna ajjefaman Omar Hashii Hassan Bitootessa 20,1994 odu-gabaastuu lammii Itaaliyaa Ilaariyaa Alpi fi ogeessa kameeraa Miilaan Hiroovaatin ajjeesuudhaan himatamanii erga wagga 20 hidhamanii booda dogoggoraan akka hidhaman itti himamee mana hidhaatii kan gadi lakkisamaniidha.

Ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa qaamnii fudhate akka hin jirre gabasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG