Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalota Yunaayitid Isteetis Keessatti Shakkamtoonni Yakkaa 1500 Qabamuun Isaanii Ibsame


Faayilii: Biilsa mana maree bakka bu'oota uummataa
Faayilii: Biilsa mana maree bakka bu'oota uummataa

Magaalotaa yunaayitid Isteets adda addaa keessatti namoottan yakka adda addaa raawwachuudhaan shakkaman too’annoo jala olchuudhaaf sochii taasifameen shakkamtoonni 1500 qabamuu isaanii abban alaangaa muumee mootummaa US Meeriik Gaarlaand ibsaniiru.

Sochiin Operation North Star jedhamee moggafamee ji’a waxabajii keessa magaalotaa US 10 keessatii taasifame kun kan Xiyyeeffate magaalota Baaltimoor, Chikaagoo, Hiyusteen, Indiyaanaapoolis, Loos Anjeles, Meemfiis, Niwu Orli’ens, Niwu Yoork, filaadeelfiyaa fi Waashingten Diisii dha.

Sochii shakkamtoota adamsuu kana keesaatti wareen qabaman keessaa namoottan sadii ji’a darbe magaalaa Filaadeelfiyaa keessatii namoottan nagaa irratti dhukaasaa taasifameen walqabatee wareen barbaadamaa turan akka ta’an kan ibsan abaan alangaa mootummaa US, namoottan kana kan too’annoo jala oolchuun danda’ame qindoomina umnoottan nageenyatiif gargaarsaa hawaasatiin akka ta’e himuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG