Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Koonsoo Keessatti Hanqiina Nyaataan Daa’imman Du’an: Angawaa Hospiitaala 


(Suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo kibbaa, goodiina Konsoo keessatti daa’imman 8 hanqiina nyaataan du’uu isaanii hospitaalli sadarkaa duraa kan Kaaraat beeksisee jira. Baatiilee darban 10 keessatti Namoonni 570 hanqiina nyaataan miidhamanii hospitaalicha keessatti wal’anamaa akka turan kan ibsamee yoo ta’u 470 hospitaala ciisuun akka ta’e kan ibsan hojii gaggeessaan hospitaalichaa Obbo Amaare Germoo daa’imman 8 du’uus ibsanii jiru.

Kunis caama mudatee fi midhaan facaafamees karaatti hafuu isaan ta’uun ibsamee jira.Godiina Koonsooa keessatti namoonni 100,000 caalaan gargaarsa nyaataa kan isaan barbaachisu ta’uun ibsamee jira jechuun Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG