Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qaamonni Nageenyaa Lafa Namoonni Itti Hidhaman Hatattamaan Beeksisaa: Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa  


FAAYILII - Magaala Finfinnee
FAAYILII - Magaala Finfinnee

Qaamoonni nageenyaa kan fedeeraalaas ta’e kan bulchiinsa naannoo namoonni qabaman iddoo itti argaman hatattamaan akka ibasan akkasums, himatii qabatamaan irratti hin dhiyaatu taanan hatattamaan akka gadhiifaman, komishinii mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa hubachisee jira.

Komishinichi ibsa kaleessa baasee kanana, Baatii caamsaa bara 2014 kaasee Finfinnee, bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti kanneen hidhaman Gaazexeessootaa fi hojjatonni Midiyaa kan ilaaleen ajaja mana murtiin ala hidhuun, himatii irratti ituu hin dhiyaatiin yeroo dheeraa hidhaa keessa tursuu, lafa seeraan hin beekamneetti hidhuu, Gaazeexessoota hojii hojjataniif hidhuu fi hidhaan gaggeeffamu faallaa labsii midiyaaf ba’e ta’uun rakkoo yaaddeessaa ta’u ibsee gocha akkasii irraa akka of-qusataniifis gaafatee jira.

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti Gaazexessoota 4 dabalatee hojjattoota midiyaa 15 baatii Caamsaa kaasee hidhaa keessa jiru jedhee miseensoonni Televiziyoona Tigraay 5 hidhaa keessa akka jiran baatii tokko dura RSA gabaasee ture jedha.Gaazexessonnni kun diina waliin wal ta’an jedhamuun hidhamuu isaanii maatii fi abukaatoon isaanii ibsanii jiru.

Waajirri bulchiinsa magaala Maqalee akka jedheetti, sababaa ooguuma Gaazexeessummaaf otoo hin taanee, sana ala yakkaan shakkamanti jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG