Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Itiyoophiyaa Kibbaa Kan Ilaaleen Waani Odeeffamu Soba: Angawaa


FAAYILII - Adabaabaayii Summuudaa, Hawaasaa
FAAYILII - Adabaabaayii Summuudaa, Hawaasaa

Bulchiinsii naannoo Itiyoophiyaa gama kibbaa bakka haaraa lamatti qodameera jechuun wanni odeeffamu dhugaa akka hin taane waajirri nagaa fi nageenyaa beeksisee jira.

Bulchiinsii naannoo Sidaamaa fi bulchiinsii uummattoota Itiyoophiyaa kibba dhiyaa waggoota lamaan darban keessaa kan gurma’an yoo ta’u, godinaaleen hafan gurmaa’uuf gaaffiin dhiyeessan

kan murteeffamu marii uummata bulchiinsa naannoo waliin marii gaggeffamuun ta’u aangoo itti aanaa bulchiinsaatti waltaasisaa dame bulchiinsa gaarii fi itti gaafatamaan waajirichaa obbo Alamaayyoo Baawudii RSA ibsanii jiru.

Siyaasa bulchiinsa naannoo sana keessaa itti dhiyeenyaan kan hordoofan ta’u kan ibsan akkasumas hayyuun waa’ee saayinsii siyaasaa fi qorannoo hawaasaa Daayaamoo Daallee akka jedhanti hegereen naannoo Sanaa akka heerri biyyatti jedhutti murteeffamuu qaba.

Gama kaaniin yunivarsitii walaayittaa soddoo keessatti qorataan qabeenya hawaasaa fi gargaaraa profeesaraa Iyyoob Achaa hegeree naannoo sana kan ilaaleen wanni ifa ta’e hin jiru jechu isaanii yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG