Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shiinzoo Abee Ajjeefaman


FAAYILII - Muummichi Ministeeraa duraanii Shiinzoo Abee
FAAYILII - Muummichi Ministeeraa duraanii Shiinzoo Abee

Namoota siyaasaa waraana booda Jaappaan keessatti beekamoo ta’an keessaa tokko kan ta’an muummichi ministeeraa duraanii Shiinzoo Abee Jimaata haasaa duula filannoo gaggeessaa ituu jiranii rasaasaan qoma isaanii keessa rukutamuun du’uu isaaanii angawoonnii wal’ansa fayyaa himanii jiran.

Umriin isaanii 67 kan ta’e Abee qawwee harkaan hojjetame fakkaatuun rasaasaan erga rukutamee booda hospitaala keessatti ituu wal’anamaa jiran du’an.

Abeen sagantaa duula filannoo xiqqaa kan magaalaa Naaraa, Oosaakaa irraa gara bahaatti argamtu keessatti, daandii buufata baaburaan akka sa’aatii biyyaatti waaree dura haasawaa yeroo jiranti namni tokko gara isaanti jarjaruun yeroo lama itti dhukaase.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman, aarri adii kan aguugee ta’uus, Abeen sochii tokko malee lafa ciisanii, namoonni achitti argaman immo gargaaruuf yeroo carraaqan agarsiisa.

Waani itti dhukaafamee tokko onnee isaanii inni lammataa immo morma isaanii haleeluun ibsamee jira.Namnii itti dhukaase jedhame kan umriin 41 Baaraa irraa ta’e to’annaa jala olee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG