Muummichi ministeeraa Itiyooophiyaa Abiy Ahimed, ajjeechaan namoota nagaa irratti kan raawwatamu maal na dhibdee mootummaan himannaa jedhu haalanii jiran. Muummichi ministeerichaa namoota nagaa Irratti himannaa dhiyaate kana kan haalan har’a Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa biraa gaaffii dhiyaateef deebii fi ibsa kennaniin ture. Haleellaa kanaaf gareen muummichi ministeerichaa himatanii fi Shanii ittiin jedhan, kaayyoo siyaasaa tokko malee ''gocha shororkeessummaa'' raawwachaa jiraachuu kan himan, mootummaan garee kana irratti tarkaanfii fudhachuu itti fufa jedhaniiru.
Haa ta’u malee, waraanni bilisummaa Oromoo ofiin jedhu kun ajjeechaa dhiyeenya lammiilee nagaa irratti raawwatameef mootummaa himate.
Caasaa mootummaa keessa namoonni haleellaa namoota qulqulluu irratti raawwatame keessaa harka qaban akka jiran eeranii, tarkaanfii fudhatamaa jiru ilaalchisee gaaffii dhiyaateefiif, mootummaan namoota dhuunfaa sana irratti tarkaanfii fudhachaa jira jedhan.
Paartiin badhaadhinaa murtee inni TPLF waliin mari’achuuf irra ga’e gaafatamanii ibsa kennaniiru. Gabaasa Kenedii Abaatee Tujubetu dhiyeessa.