Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Tigraay Keessatti Akka Tokkummaan Mootummootaa Deebisanii Ijaarsa Hojjetu Taasisuu Isaa Dubbata   


FAAYILII - Gamoo haleellaa samiirrattin barbadaahe jiraattonni yeroo laalan, Maqalee, Onk. 28, 2021

Tigraay keessati walwaraansa Mootummaa Federaala fi ABUT gidduutti raawwatamen kan ka’e badiinsaa ummame deebisanii ijaaruudhaaf sochii taasifamuu dhaabbanii Mootumoota gamtoomaanii akka geggeessu mootumaan Itiyoophiyaa murteesuu isaa AFPn gabaasee jira.

Sagantaa dandamannaa biyyaalessaa ykn “National Recovery program” jedhamee sochiin tilmaamme kun, bu’uraalee misoomaa deebisanii ijaaruu, tajaajilaawan barbaachisaa ta’an fooyyessuu , akka sumas yeroo walit bu’iinsichaa hookaraa saala irratii hundaa’een wareen midhaman gargaaruu irratti kan xiyyeefate akka ta’ee Ministirrii maalaaqaa Itiyoophiya ibsuun isaanii gabasameera.

Sochiin deebisanii ijaaruu kun kan taasifamuu gargaarsaa maallaqqa Eebila darbee Baankii adduunyaa irraa argamee Doolaaraa miiliyooni 300n akka ta’e ibsameeraa.

Sochii deebisanii Ijaaruu kana kan raawwatu dhaabbanii Mootumootaa gamtoomanii Waajira tajaajila Proojektii ykn UNOPSn akka ta’e kan beekameeraa. Dhabbatichii itti gaafatamummaa kana kan fudhatee socho’u amma haalli Tigraay keessa jiruu fooyya’ee mootumaan hojii isaa Tigraayi keessatti jalqabutti jedhameeraa.

Hawaasaalee Itiyoophiyaa walitii bu’iinsaaf balaa hongeetin midhaman gargaaruudhaaf Baakiin addunyaa Ji’a darbe waliigaltee liqii doolaaraa Miiliyoonii 715 mootummaa Itiyoophiya waliin taasisuu isaa AFPn gabaseera.

XS
SM
MD
LG