Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Daawwanna Eertiraatti Taasisan Xumuran  


Prezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud fi Prezidaantii Eertiraa Isaayyas Afeworqii, Eertiraa
Prezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud fi Prezidaantii Eertiraa Isaayyas Afeworqii, Eertiraa

Prezidaantiin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud daawanaa ojii guyyoittan Afurif Eertiraa keessatti taasisaa turan raawatanii guyya hara gara biyya isaaniitii deebiu isaanii Birhaane Berehee Asmaraa irraa VOA dhaaf gabaaseera.

Akka gabaasinn kun jedhetti, prezidaantiin Somaliyaa turtii isaanii keessatti Prezidaantii Eertiraa Isaayyas Afeworqii waliin ta’uudhaan miseensotaa waraanaa lafoofii makaanaayizdii Somaaliyaa warren wagga Sadan darbaniif Eertiraa keessatti leenjii fudhachaa jiran daawataniiru.

Prezidaantii Somaaliyaa bakkewwan adda adaas kan dawatan yemuu ta’u hogantoonni biyyottan lammanii, dhimaa diinagdee, dhimaa waraanaafi walitii dhufeenyaa naannoo dabalateeirratii walgaltee qabxii Torba ofi keessa qabu malatteesuun isaanii gabaasameeraa.

Somaliyaan Isiraa’el Wajjin Hariiroo Akka Hin Uummatiin Dubbatu, Aangawoonni Ishii

Biyyi Somaliyaa fi Isiraa’eel hariiroo dipilomaasii umudhaaf deemaa jiru jechuudhaan odeeffannoon madeewwan oduu biyyaa Isiraa’el tamsaasan dhugaa mitti jechuudhaan haanga’onni mootummaa Somaaliyaa haalanii jiru.

Mohaamad Dhayisane Moqadishoo irraa VOAf akka gabaasetti dhabileen odeeffanoo biyaa Israa’el lamma > fi > jedhaman , dubbi himaan prezidaantii Somaliyaa, dhimmichii paarlamaa dhihatee irratii maryatamaa jedhaniiru jechuundhaan wantii gabbasan akka dugaa hin taanee kan ittu eenyumaa isaanii ifaa hin tasissin dubatan haanga’aan mootummaa Somaliyaa oduun sun haa ta’u jedhamee ummata Somaliyaa dogoggorsuudhaf kan tamsa’eedha jedhaniiru. Oduu dhugaa hin taane tamsaasun kunis bara walgaltee Abraham jedhamuu kaasee akka ta’es haanga’an kun dubachuun isaanii gabasameeraa.

Waliigalteen Abraham bara 2020 yuunaayitid Isteetsn qophaa’ee Isiraa’el fi Yuuniyited Arab Imereets waliti fiduudhaaf walgaltee taasifame fi boodas Baahireen, Moorookoo fi Sudaaniti kan yaalamee akka ta’e ni beekama.

Maddii oduu "The time of Israel" jedhamuu prezidaantin Somaaliyaa ammaa Hassan Sheek Mohamud yemuu prezidaantumaa isaanii duraanii bara 2016 Muumee ministiraa Israa’eel duraanii Beenjaamiin Natinahuu wajjin dhuksaadhaan wal arganii maryachuu isaanii gabaasuun isaa himameeraa.

Biyyi Lamiileen ishee amantaa musiliimaa garee Sunnii kan hordofan Somaliyaan israa’elii wajjin walti dhufeenyaa dipilomaasii qabaatees, hin beektuu israa’elinis akka biyyatti beekumsa keentee hin beektu.

Mootummaan Somaliya Isira’eelii wajjin walqunamuu isaa ilaalchisee wantii inni dubbatee hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG