Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantin Yunaayitid Isteets Prezidaantii Meeksikoo Waliin Mari’atan  


Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Bayiden fi Prezidaantii Meeksikoo Andirees Maanu’eel Loopeez Obraadoor, Adoolessa 12, 2022
Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Bayiden fi Prezidaantii Meeksikoo Andirees Maanu’eel Loopeez Obraadoor, Adoolessa 12, 2022

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Bayiden, Prezidaantii biyyaa Meeksikoo Andirees Maanu’eel Loopeez Obraadoor qibxata har’aa simatanii marii taasisanii jiru.

waa’een godaantotaa,waa’een nageenya daangaa biyyoottan lammanii fi waa’een diinagdee ijoo marii Hoggantoota lammanii akka ta’e ibsamee jira.

Haanga’aa gameessi bulchiinsa joo Bayiden akka oduu gabastotatti himanitti, biyyoottan lamman akkataa eegumsaa daangaa fooyeessuu, lakkoofsaa godaantotaa dabalaa deemaa jiruu fi akkataa umnootaan waloo seeraa kabachiisan qindeesuu, wa’ee Inarjii qulqulluu fi diinagdee irratti waliigaltee irra gahanii jiru.

Prezidaantiin Meeksiikoo kaleesaa yemuu oduu gabastotatti dubbatan, qalaa’iinsaa jiraanyaa Meeksikoo fi Yunaayitid Isteets muudate ilaalchisee haala waliin hojjachuun danda’amuu irratti akka dubbatan ibsaanii jiru.

Prezidaantin Meekisikoo , Yunaayitid isteets, ji’a tokkon duraa walaga’ii biyyoottan Laatiin Amerikaa wajjin Loos Anjeles keessatti taasfte irrati hin hirmaanee. sababinii isaaniis, Yunaayitid Isteets biyyii Kuubaa, Nikaaraaguwaani fi Veenzuweelaan wal ga’ichaa irratti akka hinhirmaanne gochuu ishee mormuudhaan akka ta’e gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG