Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ityoophiyaan Walgahii Jalqabaa Koree Kan Nageenyaa Gaggeessite


FAAYILII - Muumicha ministeeraa Abiy Ahimed
FAAYILII - Muumicha ministeeraa Abiy Ahimed

Marii nagaa TPLF waliin taasifamuuf qaamni mootummaa Itiyoophiyaaf itti gaafatamu, walga’ii isaa jalqabaa gaggeessuu isaa gargaaraa olaanaan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed himaniiru.

Koreen miseensota torba qabu kun itti aanaa muummicha ministiraa fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokoniniin hoogganamu hojii eegaleera jechuun Reedwaan Huseen walgahii Kibxata darbeen booda tiwiiterii isaanii irratti barreessaniiru.

Gorsaa nageenya biyyaalessaa Abiy kan ta'an Reedwaan, marii gamtaa Afrikaatiin hoogganamu kanaaf akkaataan isaa hojii keessoo isaa fi naamusaan murteessama jedhan.

Abiy baatii darbe yeroo jalqabaaf wal dhibdee gara jabinaa Sadaasa bara 2020 kaaba Itiyoophiyaa keessatti ka’e dhaabuuf yaaluudhaan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay waliin mariin nagaa taasifamuu akka danda’uabdachiisanii turan.

Paartiin Badhaadhina biyya bulchaa jiru baatiiwaxabajjii keessa mariin kam iyyuu Gamtaa Afrikaa qofaan hogganamuu akka qabu cimsee kan dubbate yoo ta’u, ejjennoon kun finciltootaan fudhatama dhabee jira. TPLF, jilliGamtaa Afriikaa, preezdaantiin Naayijeeriyaa duraanii Olusegun Obasanjo, Abiyitti dhiyeenya qabaachuu isaanii ilaalchisee yaaddoo qabuibsuu dhaan, mariin kam iyyuu to’annoopreezdaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa jalatti akka ta’u gaafate.

Demmmaqee fi Reedwan cinaatti koreen kun Ministira Haqaa Gediyooon Ximootiwoos,Daarektarii olaanaa Tajaajila odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa Tamasgeen Xurunee,hogganaa basaasa waraanaa Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa, Angawaa Paartii Badhaadhinaa Hasan Abdulqaadir akkasumas itti aanaa pireezidaantii naannoo Amaaraa Geetachoo Jambar.

Kaaba Itiyoophiyaatti erga waraanni namoomaa dhuma baatii Sadaasaa keessa labsamee booda lolli qabbanaa’ee jira. Garuu Tigraay rakkoo gargaarsa namoomaa keessa jirti, nyaata, boba’aa fi tajaajila barbaachisaa dhabdee jirti jechuun dhaabbileen gargaarsaa himanii jiran

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG