Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Giddu Galeessa Bahaa Daawwataa Jiran


Pirezdaant Joo Baayiden Muummee Ministiraa Isra'eel Ya'ir Lapid yeroo harka fuudhan, Buufata xiyyaaraa Ben Guriyon Adoolessa 13, 2022,

Pirezidaanti Joo Baayidan roobii har’aa Israa’el kan galan yoo ta’u, kunis qaama daawwannaa bal’aa giddu galeessa bahaa West Baankii fi Sa’uudii Arabiyaatti geggeessanii ti.

Israa’el naannichatti gadi fageenyaan akka hirmaattu dhiibbaa ni godhu, biyyoonni galoo galaanaa rakkoo boba’aa addunyaa mudate salphisuuf boba’aa dabalataa akka oomishan gaafachuu fi Yunaayitid Isteetis waraana Yukireen fi dorgommii tarsiimoo Chaayinaa waliin taasiftu irratti qiyyaafattus, naannichaaf dursa akka hin kenninetti akka iseen hin fudhatamne mirkaneesuuf jiru.

Hariiroo mootummaa Sa’uudii waliin jiru kan isaan yeroo tokko safuu hawaasummaaf gatii hin qabdu jechuun qeeqaniin kan ka’e aktiivistootaa fi miseensota paartii ofii isaaniin qeeqamaa kan turan Baayideniif, imala walxaxaa ta’a.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Jake Sullivan Wixata kaleessaa gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, “Kaayyoon keenya hariiroo Sa’uudii waliin jiru irra deebi’anii madaaluu malee addaan cituu hin turre,” jedhan. Sullivan addunyaatiiin dorgommii guddaa keessa ennaa jirtu kanatti, keessumaa naannoo Paasifikii fi Awurooppaa akkasumas giddu galeessa bahaa Baha keessatti Yunaayitid Isteetis ciminaan bobba’uu qabdi jechuun falman.

XS
SM
MD
LG