Gatiin boba’aa, waliigaltee niwukilaraa Iraan deebi’ee ka’uu fi tasgabbii naannoo pirezidaant Joo Baayiden daawwannaa isaanii a Giddugaleessa Bahaa irratti waan dursa kennan ta’uu ibsameera. Garuu gareewwan mirgaaf falman ajjeechaan barreessaa barruu Waashingitan Poost duraanii Jamaal Kaashoggii fi gaazexeessituu lammii Ameerikaa hidda dhalata Faalisxiin Shireen Abu Akilee irratti raawwatamees xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhu.
Pirezidaanti Joo Baayidan roobii kaleessaa Tel Aviivitti –n ga’an , imala guyyoota afuriif gara Sa’udii Arabiyaatti balali’uu isaanii dura hoggantoota Israa’elii fi Falasxiin waliin mari’achuu of keessaa qabu yoo ta’u prezidaantii Ameerikaan dawwannaan akkasii kan jalqabaa ti.n.
Nageenyi Israa’elii fi naannoo qiyyaafata guddaa yoo ta’u, xiinxaltoonni tokko tokko daawwannaan prezidaant Joo Baayiden gara Baha Giddu Galeessaatti taasisan Israa’elii fi Mootummaa Sa’uudii Arabiyaa gidduutti walitti dhufeenyatti geessuu qaba jedhanii abdatu.
Garuu karoorri Baayidan walgahii dhaaltuu Gonfoo Sa’uudii Mohaammad Bin Salmaan of keessaa qabu kanneen mirga namaaf falman biraa qeeqa hamaa dhaqqabsiisee jira.
Wanti Pirezidaanti Baayidan hojjechaa jiran mirgi namoomaa gatii salphaa akka qabuu fi dhiibbaa ka biroo dhaqqabuu malu bakka buusuu dha.
Karaa hedduu dhaan mul’ata Pirezidaanti Baayidan erga Raashiyaan Yukireeniin weerartee booda addunyaaf dhiyeessan ni miidha. Jedhanhayyoonni.
Yunaayitid Isteetisii fi tokkummaan Mootummootaa lamaan isaanii iyyuu ajjeechaa gaazixeessaa Kaashoogii duuba mooticha jiru yoo ta’a ragaa ofii isaanii argataniiru. Dhaaltuun Goonfoo Saaudii garuu ni haalan.