Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sri Shiri Laankaan Prezidaantiin Biyyattii Aangoo Gad Dhiisuu Isaanii Eegaa Jirti


Hiriira mormii Sri Laankaa kessa
Hiriira mormii Sri Laankaa kessa

Uummanni Sri Laankaa kan rakkoo dinagdee biyyattii dhaqqabe irraan ka’uun mormii dhaqqabeen kan gara Maaldiivis-tti baqatan prezidaant Gotaabayaa Rajaapaaksaa kamisa har’aa aangoo gad dhiisuu isaanii eegaa jiru.

Rajapaksaan roobii kaleessaa halkan aangoo gadhiisuu himaniiru. Mormitoonni roobii galgala paarlaamaa Siriilaankaa ala bakka humnoonni nageenyaa gaazii imimmaansuu itti dhukaasanitti walitti qabamanii jiru.

Muummichi ministiraa Raanil Wiikree-mesingee jeequmsa dabalataa ittisuuf jecha magaalaa guddoo Siriilaankaa Kolombootti hanga Jimaata ganamaatti uggura sochii kaa’uu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Wiickree-mesingee akkasumas labsii yeroo muddamaa guutuu biyyattii labsaniiru. Miseensonni mana maree Siriilaankaa torban dhufu pirezidaantii haaraa kan bara hojii Raja-paksaa hafe tajaajilu filachuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG