Hafteen bombii fi dhukaatonni wal waraanaa naannoo Affaar fi Amaaraa keessatti lubbuu namoota nagaa galaafachaa jira. Kan naannoo sanatti caalaatti midhamaa jiran tikfettee fi lafa dheedichaa irra olan ta’uun ibsamee jira.
Naannolee lamaan irraa gabaasni giddugaleessa iba’e kan hin jirre ta’us, hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Aanaa Adaar Naannoo Affaar Abdulkadir Ahmad sababa boombii naannoo sanatiin kan ka’ee lubbuun namoota 18 darbuu mirkaneessaniiru.Kanneen biroo 70 ta'anis irra jireessi daa'imman miidhamuus himaniiru.
Hogganaan Nageenyaa Zoonii Wolloo Kaabaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Koloneel Haayilamaariyaam Ambaayees RSAf akka himanitti, yeroo waldhabdee Itiyoophiyaa Kaaba keessa ture boombii ykn meeshaa waraanaa gatamaniin yoo xiqqaate namoonni 19 ajjeefaman. Jechuu isaanii Masfiin Arraagee gabaasee jira.