Bulchiinsa naannoo Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa Kibbaa aanaa addaa Burjii naannoo Walia jedhamutti hidhattonni haleellaa raawwataniin yoo xiqqaate qonnaan bultoota afur ajjeesan.
Dubbi himaan Bulchiinsa aanaa addaa Burjii obbo Gebrewaad Hirpoo RSAtti akka himanitti, loon 50 ol ta’anis hatamaniiru. Dubbi himaan kun haleellaa kanaaf kan komatan qabsaa'ota WBO kanneen naannoo ollaa Oromiyaa Zoonii Gujii Lixaa irraa dhufan" jedhan.
Qondaaltonni Zoonii Gujii Lixaa yaada kennuu hin dandeenye. Haleellaa dhiheenya kana raawwatame kana ilaalchisee garee himatnii irratti dhiyaate irraas deebii hatattamaa hin argamne.Garuu dubbi himaan WBO Odaa Tarbi gaaffii fi deebii kanaan dura RSA waliin taasisaniin "lammiilee nagaa irratti hin xiyyeeffatan" jedhanii turan jechuun Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.