Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltonni Leenjiif Ertraa Jiran Gara Somaaliyaatti Deebi’uuf Jiru:Prezidaantii Somaaliyaa


Faayilii: Prezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud
Faayilii: Prezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud

Preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Robii dabree galgala, maatii ijoolleen isaanii leenjiif Ertraa keeessa jiranii waliin wal arguun, yeroo dhiyootti gara biyyaatti deebi’anii garee hidhattoota Islaamummaa Al-Shabab akka waanuuf jiran waadaa galaniiru.

Somaaliyaan loltoota kumaatamaan lakkaa'aman Ertiraatti leenjiiiff ergitee, waggaa darbe keessa warri isaanii walqunnamsiisuu dadhabuu irraa mormii walduraa duubaa gaggeeffamaa ture.

Hangii tokko 2018 kaasee kan maatii isaanii hin qunnamiintu jira.

Prezidaantiin Somaaliyaa Maahmuud torbee kana keessa daawwannaa Eertiraa taasisaniin loltoota waliin kan mari’atan yoo ta’u, hariiroo biyyoota lamaanii fooyyessuuf waliigalaniiru.

Looltonni hundumtuu siim kaardii bitatanii warra ofii akka dubbisaniif/ maallaqnii kan kennameef yoo ta’u, har’a fi bor sinii bilbiluu jedhan.

Looltonni somaaliyaa kun yoom biyyatti akka deebi’an garu hin ibsinee,garu haala isaanii kan hordofan ta‘u beeksiisan.

Prezidaantichi maatii ijoollee leenjiif Ertraatti ergamanii waliin ennaa dubbatan Vidiyoo agarsisuu waajirri prezidantichaan dhiyaatee jira.

Maatiinis yaalii prezidaant mahmuud biyyatti deebisuuf taasisaniif galateeffataa ennaa turan vidiyoon kun agar siisa ture.

Gabaasni Tokkummaa Mootummootaa bara darbe ji’a waxabajjii keessa baase akka jedhutti loltoonni Somaalee kumaatamaan lakkaa’aman waraana naannoo Tigraay keessatti hirmaachuu isaanii yeroo ibseetti maatiin jaraa mormii kaasuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan Somaaliyaa loltoonni isaa leenjiif Ertaa keessa jiran, wal waraansa Tigraay keessatti hirmaannee jechuun haale. Gabaasaaleen miidiyaalee fi qeeqxonni tokko tokko gar gariin wal waraansa Tigraay keessaatti ajjeefamaniiru jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG