Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lete-Senbet Gidey Yuujiin Origaanitti Fiigicha Meetira 10,000 Injifattee Medaaliyaa Warqee Fudhatte


Faayilii: Letesenbet Gidey

As Yunaayitid Isteetis, Yuugiin – Oregaanitti ka geggeessamu Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii irratti lammiin Itiyoophiyaa kaleessa fiigicha meetira kuma kudhanii injifachuudhaan, Itiyoophiyaaf Meedaaliyaa Warqee isa jalqabaa argamsiistee jirti.

Lammiwwan Itiyoophiyaa, lammiwwan Keeniyaa fi lammii Neezerlaand dhalata Itiyoophiyaa Siifan Hasan gidduutti wal-morkii cimaa geggeessame irratti dorgomtoota Keeniyaa xiqqoo bira taruun galtee inijifannoo gonfatte, Lete-senbet.

Atileetota Keenyaa lammaffaa fi sadaffaa bahan bira kutuun, daqiiqaa sagalii fi sekondii sagaltamii afuriin galte, Atileetiin Itiyophiyaa kun.

XS
SM
MD
LG