Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walti Bu’iinsaa Sudaa gama Kibbaa Keessatti Uumameen Namoonni 60 ol Du'uun Himame


Faayilii: Jeeqama Sudaan Kibbaa Keessatti Ka'e qabeenya mancaase
Faayilii: Jeeqama Sudaan Kibbaa Keessatti Ka'e qabeenya mancaase

Kibbaa biyya Sudaan kutaa bulchiinsaa Biluu Naayil keessatii walti bu’iinsaa gosaalee lama gidduutti uumamen namoonii 60 du’anii 163 immoo mada’uu isaanii haanga’oota biyyatii waabeffachudhaa AFP gabaasee jira.

Jiraataan magaalaa kutaa Biluu Niil Al Damaziin irraa AFP bilbilaan dubbatee akka jedhetii waltii bi’insichii gosaalee Bertii fi Hawsaa gidduutti ergaa uumamee torban tokko ta’eeraa.

Akka bakka bu’nnii gosaalee lammanii jedhanitii sababinni waltii bu’iinsichaa wa’ee lafaati. Bakka bu’oonii gosa Hawsaa yemuu AFPti dubbatan akka jedhaniitii miseensonii Gosa Bertii haanga’onnii Siviilii itti fayyadama lafaa Too’achuu qabu yaada jedhuu fudhachuu diduu isaaniitiinii yemmuu jedhan, wareen gosaa Bertii gamma isaaniitiin Hawsaan lafa keenyaa nu irraa fudhachuudhhaf jechuudhaan wal himatu.

Umnootiin nageenyaa naannoo waltii bu’insichaa keessatti kan bobba’an yoo ta’u bulchaan kutaa Biluu naayil Ahimad al Omaadaa labsii yeroo atattamaa ji’a tokkoof turu baasuudhaan walgahi fi hiriiraa bahuu akka dhorkan AFPn gabaseera.

Sudaanitti bakka bu’aa addaa mootumootaa gamtoomanii kan ta’an Voolker Perthes gareewwan wal waransa keessaa jiran lamman akka akka tasgabaa’an waamichaa dhiheesuu isaanii AFP gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG