Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoottan Nageenyaa Godinaa Gede’oo keessatii Bobba’an


Naannoo Geedi'oo

Humnoottan nageenyaa Mootummaa feederaalaa fi mootummaa naannoo Sabaa fi Sab-lammii kibba Itiyoophiyaa godinaa Geede’ oo keessatti bobba’uu isaanii jiraattonii godinichaa VOAti himanii jiru.

Godinni Geede’oo bulchiinsa naanno Sabaa fi Sab- lammi kibba Itiyoophiyaa jala kan jiruu yemuu ta’u gareewan tokko tokko dhiheenyaa kan godinichii gara naannotti olgudhachuu qaba gaafii jedhu sababeefachuudhaan jeequmsaa kaasudhaaf yaadaa jiru jedhee mootummaan Feederaalaa akeekkachisaa keennuu isaa Yoonaatan Zebidiyoos Haawaasaa irraa gabaasee jiraa.

Mootummaan feederaalaa ibsaa torban kana baaseen gaaffii bulchiinsa naannoo deebisuudhaaf akka heera biyyatiitti mootummaa naanno kibbaa wajjin ojachaa jirachuu akka himee kan ibsee gabaasinni Yoonaatan Zebdiyoos, jiraattonti magaalaa Diillaa bobba’iinsi umnoottan nageenyaa barbachisumaan isaa akka isaaniif hin gallee himuu isaanii eeree jira.

Bulchiinsii naanno kibba Itiyoophiyaa Sabaa fi Sab- lammii 56 kan off keessa qabuu Yemuu ta’u duraan godinaa kan turan keesaa Sidaamaan murtii ummataa hire ofii Ofiin murteesuutin naannoo ta’un isaa ni beekamma. Godinaaleen biroos gaaffii akkanaa akka dhiheesaa jiran gabasameeraa.

XS
SM
MD
LG