Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Mormituu Tigraay Sadii TPLF Uummata Tigraay Bakka Bu’uu Hin Danda’u Jechuun Mormii Dhageessisan


Mootummaa Itiyoophiyaa waliin mariin geggeessamu qaama dhimmi ilaallatu mara akka hirmaachisu jechuun gaaffiin dhiyeessan TPLF biraa hanga yoonaa deebii hin arganne jechuu dhaan paartileen morkattootaa Tigraay sadii ibsanii jiru.

Waajjirri kominikeeshinii naannoo Tigraay gama isaan ibsa baaseen, paartileen mormituu naannoo sana keessa jiran hangi tokko, Tigraay haala geggeessaa jirtu gufachiisuu irraa of qusachuu qabu jedha.

Paartileen kunis saalsaay weyyaanee Tigraay, Baayitoonaa akkasumas Wuddim Naaxinet Tigraay kanneen jedhaman yoo ta’an, ibsa waloo baasaniin Tigraayii fi Itiyoophiya giddutti marii geggeessamu kan isaan ittiin jedhan, gama Tigrayaiin, adeemsi nageenyaa hunda hirmaachise akka jiraatu irra deddeebi’uun waamicha dhiyeessunis qaama simatu hin arganne jedhaniiru.

Qaama tokko qofti mariin keessatti hirmaatu, faallaa dantaa Tigraay qofa utuu hin taane carree hegeree uummatichaa balaaf saaxila jedhan. Waamichi mootummaan Itiyoophiyaa dhiyeessus dhiibbaa sadarkaa addunyaan kan ka’e waamicha nageenyaa shiraan guutame jechuun himataniiru.

Waajjirri komunikeeshinii Tigraay gama isaatiin ummanni Tigraay hoggantoota isaa filachuu isaanii fi paartileen mormitootaa haala yeroo irratti murannoo cimaas ta’e fedhii dhugaa hin agarsiifne jechuun mormii dhiyeessee kanneen kun warra hojiin isaanee qeeqa ta’e ittiin jedheera jedha gabaasi Mulugeta Atsbehaa Maqalee irraa erge

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG