Xurree ittiin seenan

Breaking News

Giifti Dureen Yukireen Giifti Duree Ameerikaa Jiil Baayiden Waliin Washingten Keessatti Wal Arguuf Jiru


FAAYILII - Giiftii duree Yukireen Oleenaa Zelenskaa fi giiftii duree Yunaayitid Isteetis Jiil Baayiden, Caamsaa 8, 2022.
FAAYILII - Giiftii duree Yukireen Oleenaa Zelenskaa fi giiftii duree Yunaayitid Isteetis Jiil Baayiden, Caamsaa 8, 2022.

Giiftii duree Yukireen Oleenaa Zelenskaa giiftii duree Yunaayitid Isteetis Jiil Baayiden waliin Kibxata harraa Waayit Haawusitti wal argan.

Lamaan isaanii yeroo dhumaaf kan wal argan, Caamsaa keessa daawwannaa Baayidan osoo hin beeksisin gara dhihaa Yukireenitti taasisaniin yeroo mana barumsaa tokko daawwatanii daa’imman kennaa guyyaa haadholii qopheessaaturan waliin wal arganitti ture.

Zelenskaan wixata kaleessaa Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antony Blinken waliin Waashingitanitti wal arganii jiran.

Dubbi himaan ministeera dhimma Alaa Ned Praayis akka jedhanitti, Zelenskaa fi Blinken waa’ee weerarri Raashiya lubbuu namaa gatii guddaa baasisuun hammaataa jiru dubbataniiru, akkasumas Blinken waadaa Yunaaytid Isteetis Yukireen deeggaruuf qabdu cimsanii dubbatanii jiran.

Ministrichi Blinken, hojii Giiftii Duree Zelenskaan lammiilee Yukireen waraanaan miidhaman gargaaruuf hojjettan galateeffataniiru,'' jedhan Piraays.

Ameerikaan Yukireen qormaata dinagdee fi namoomaa guddaa ishee mudateef deebii kennuuf gargaarsa kennitu akka itti fuftu irra deebi’anii dubbataniiru, kunis kaka’umsa fayyummaa sammuu Giiftii Duree lammiilee waraanaan miidhaman deeggaruuf akeekame of keessaa qaba.

Sagantaan Zelenskaa Kibxata gara biilsa mana maree dhaquu dhaan seera tumtootaaf haasaa dhageessisuu of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG