Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaffii Naannoo Geedi’oon Ta’uu Qabdi Jedhu Ilaalchisuun Namoonni Jeequmsa Kaasuu Malu Jedhamuun Shakkaman To’annaa Jala Ooluun Gabaasame


Naannoo Uummattoota Kibbaa godinaa Geedi’oo magaalaa Diillaa keessatti kaleessa yoo xiqqaate namoonni 13 hidhamuu miseenosonni maatii VOAf himanii jiran. Hidhaan kun kan raawwatame mootummaan gaaffii naannoo ta’uu itti fufee jiruun jeequmsi ka’uu mala ka jedhuun nageenya cimsee yeroo jirutti ta’uun ibsameera.

Maatiin VOAf akka himanitti, hidhaan kun walitti qabuu dhaan yoo ta’u adeemsa seeraatiin ala jedhan. Humnootiin naga eegumsaa godinaa sana guutummaatti bobbaafamanii turan.

Gareen hangi tokko kan Geedi’oon naannoo akka ta’u barbaadan fedhii isaanii humnaan dhiibbaa gochuuf qopha’aa akka turan mootummaan ibseera jechuu dhaan Yoonaatan Zebidiwoos gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG