Hoggantoota guutuu ardii Afrikaa irraa dhufan Mudde 13-15, 2022tti Waashingitan, DCtti, Walgahii Hoggantoota U.S.-Afrikaa irratti keessummeessuuf hawwii guddaa dhaanan eega. Wal gahiin kun Yunaayitid Isteetis Afrikaaf cicha bara dheeraa qabdu kan agarsiisu yoo ta’u, barbaachisummaa hariiroo Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa fi tumsa aantummaa addunyaa waliinii irratti taasifamu kan cimsu ta’a jedhan.
Wal gahiin Hoggantoota Yunaayitid Isteetisii-Afrikaa, hirmaannaa dinagdee haaraa haala gaariin guddisuuf safuuwwan waliin qabnu irratti hundaa’uun ni hojjeta; waadaa Yunaayitid Iteetis fi Afrikaan dimokiraasii fi mirga namoomaaf qaban cimsuu; dhiibbaa COVID-19 fi weerara gara fuula duraatti dhufu salphisuu; fayyaa naannoo fi addunyaa cimsuuf tumsaan ni hojjeta; wabii nyaataa ni jajjabeessa; nagaa fi nageenya tarkaanfachiisuu; rakkoo haala qilleensaa mudateef deebii kennuu; akkasumas walitti dhufeenya lammiiwwan guddisuuu cimsa gumiin kun.
Mootummoota Afrikaa, waldaalee siivikii, hawaasa dhalattoota ardittii guutuu Ameerikaa keessaa, fi damee dhuunfaa waliin ta’uun mul’ata waliin qabnu egeree hariiroo Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa cimsuu hojjechuuf hawwii guddaan eeggadha.
Forum