Xurree ittiin seenan

Breaking News

Putin Qoqqoobbiin Biyya isaanirra Jiru Kaanaan Walii-galtee Yukireen Midhaan Alatti Ergituuf Jiru nan Simadha Jedhan


FAAYILII - Pirezidaantiin Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin
FAAYILII - Pirezidaantiin Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kibxata darbe akka jedhanitti, Raashiyaan buufata doonii qarqara galaana Gurraacha irraa midhaan Yukireen akka ergitu haala mijeessuu dhaaf qophii ta’uu ibsaniiru, garuu biyyoonni gama dhiyaa qoqqobbii midhaan Raashiyaa alatti ergitu irra kaa’an akka kaasan barbaadu.

Puutiin erga pirezidaantii Turkiyaa Rechep Tayyip Erdowaan waliin mari’atanii booda karoora midhaan gara alaatti erguu Yukireen deebi’ee akka eegaluuf yaadame ilaalchisee Iraan keessatti dubbataniiru.

Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte, daldala Yukireen kan danqe yoo ta’u, dhiyeessii nyaataa addunyaa irratti dhiibbaan uumamuu isaatiin, Tokkummaan mootummootaa marii waa’ee midhaan gara biyyootii alatti ergamu kana ilaalchisee rakkoo jiru furuuf taasifamaa jiru keessatti hirmaateera.

Itti aanaa dubbi himaa muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guterees kan ta’an Farahaan Haaq Kibxata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, Guuteerees waliigalteen sun xumuramuu akka danda’u abdii guddaa qabu. Itti dabaluu dhaanis, Guterres Wixata darb bilbilaan pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Puutiin Kibxata darbes hoogganaa olaanaa Iraan Ayyaatoollaah Alii Kaamenii waliin Tehiraan keessatti wal arguun biyyoota lamaan gidduutti walitti dhufeenyi cimaa ta’e akka jiru agarsiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG