Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Siri Laankaa Muummicha Ministeeraa Duraanii Prezidaantii Biyyattii Haaraa Gochuun Filate


Deeggartoota Raanil Wiikreemesinghe gammachuu ibsachaa jiran, Sirii Laankaa, Adoolessa 20, 2022.
Deeggartoota Raanil Wiikreemesinghe gammachuu ibsachaa jiran, Sirii Laankaa, Adoolessa 20, 2022.

Paarlaamaan Siri Laankaa Kibxata darbe pirezidaantii haaraa biyya odola rakkina keessa jirtuu gochuun, muummicha ministeeraa yeroo ja’aa kan turan Raanil Wiikreemesinghe roobii har’aa prezidaantii haaraa gochuun filateera.

Maanguddoon ganna 73 Wickree-me-singhen, waraqaa filannoo dhoksaa Kibxata darbe mana maree seera tumtootaa miseensota 225 qabu keessatti sagalee 134 kan argatan yoo ta’u, sagalee 82 ammoo gaazexeessaa duraanii miseensa paartii bulchaa jiru SLPP ta’uun taayitaa ministeerummaa mootummaa adda addaa irra kan turan Dullas Alah-apperumaaf kennameera. Hogganaan paartii gara bitaa leellisuu JVP kan ta’an Anura Dissan-ayake sagalee sadii qofa argatan.

Mormiin uummataa beekamaa yeroo hedduu gara hookkaraatti jijjiiramu kan sababaa rakkoo dinagdee ji’ootaaf turee fi biyyattiin sababaa sharafi alaa ishee dhumateef midhaan nyaataa, boba’aa ykn qoricha alaa galchuu dadhabdee ilaalchisee erga ka’ee, kanaanis prezidaant Gotaabaayaa Rajaapaaskaa Shiri Laankaa dhaa erga baqatanii torban tokko booda Filannoon kun geggeessame.

Mormitoonni garuu Wikreme-siingeen maatii Rajapaaskaatti dhiyeenya qabu jechuun qeeqanii isaanis aangoo akka gad dhiisan gaafatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG