Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamaan Prezidaantummaa Keenyiyaa Haaraan Deggersa Uummataa Argataa Jiru Jedhame


Keeniyaa keessatti filannoon nagahaan akka geggeeffamu,akkasumas filannoo booda hookkarri akka in kaane gaafachuuf namoota hiriira bahan, Naayroobii, Keeniyaa, Waxabajjii June 23, 2022.
Keeniyaa keessatti filannoon nagahaan akka geggeeffamu,akkasumas filannoo booda hookkarri akka in kaane gaafachuuf namoota hiriira bahan, Naayroobii, Keeniyaa, Waxabajjii June 23, 2022.

Keeniyaan filannoo pirezidaantummaa gaggeessuuf torbanni muraasi hafee ennaa jirutti, xiinxaltoonni akka jedhanitti, kaadhimamaa tokkoof deggersi heddummaataa adeeme ba’iin filannoo maal ta’uuf akka jiru tilmaamuuf rakkisaa ta’ee jira.

Joorji Waajaakooyaah kan dorgommicha dursaa jiran Raayilaa Odiingaa fi Wiliyaam Ruuttoo duuba, sadarkaa sadaffaa irratti argamu. Garuu, akka qorannoon tokko jedhutti, waltajjiin isaan mariwaanaa seera qabeessa taasisuuf irratti haasaa taasisan, deeggarsa horaafii jira jedha gabaasi Victoria Amunga Naayiroobii irraa ergame.

Joorji Waajaakooyaa fi Deevid Mwaaure siyaasa Keeniyaa keessatti haaraa dhufanii pirezidaantii ta'uuf dorgomaa jiran.

Qorannoon yaada uummataa akka agarsiisutti Wajackoyaan filannoo Hagayya 9 gaggeeffamuuf carraan injifachuun isaa baayyee xiqqaadha. Garuu lammiilee Keeniyaa biratti raggaasifamuun isaanii dabalaa jira.

Qorannoon dhiheenya kana dhaabbata “Trends for Insights Africa” (TIFA) jedhamu gaggeesse tokko akka mul’isutti sadarkaan mirkanuu argatanii dhibba irraa harka torba kan argatan yoo ta’u, kunis guyyaa filannoo gara sagalee 150,000 jechuu dha.

Kaadhimamaa dursaa jiran muummicha ministeeraa duraanii Raayilaa Odiingaa fi itti aanaa pirezidaantii ammaa Wiliyaam Ruuttoon sagalee uummataa dhibba harka 50 fi 25n argachuun dursaa jiru.

Garuu sagalee Wajaakoyaan argatan kan xiqqaa fakkaatu ba’ii filannoo irratti dhiibbaa uumuu danda'a jedhamee yaadamu, tarii Odinga sagalee caalmaa dhorkuu dhaan, tarii immoo Ruto sagalee ga’aa dhorkatee filannoon irra deebii akka geggeessamu dirqisiisuu mala jedhameera.

Keeniyaatti xiinxalaa siyaasaa kan ta’an Maark Bichaachee akka jedhanitti

"Filannoo irratti dhiibbaa uumuu ilaalchisee, filannoon irra deebii hamma geggeessamuu ga’uutti dhiibbaa qabaata jedhee hin yaadu, garuu uummatuma William Ruuttoon irratti fuuleffatan irratti waan fuuleffataniif jecha, sagalee hanga tokko Wiliyaam Ruutoo dhabsiisuu danda'a."

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG