Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al-Shabab Magaalaalee Somaaliyaa Kan Daangaa Itiyoophiyaatti Dhiyoo Jiran Lama Haleele


Kibxata kaleessaa hidhattoonni al-Shabab magaalota Somaalee lama daangaa Ityoophiyaa irra jiran irratti haleellaa erga raawwatanii booda lolli cimaan gaggeeffamuun gabaafameera.

Qondaaltonni naannichaa haleellaa kana VOA sagantaa afaan Somaaleef mirkaneessan akka jedhanitti, hidhattoonni poolisii addaa, miseensota humnoota Itiyoophiyaa falmisiisoo ta’an kanneen yeroo dheeraaf naannoo Bakool kibba dhiya Somaaliyaa magaalota Yeed fi Aatoo keessatti argaman waliin walitti bu’aniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kanneen qaama waliigaltee nageenya biyyoota lamaanii Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti taasifamaa jiruun Somaaliyaa keessatti socho’aa jiran, eegumsa daangaa fi nageenya daandii dhiyeessiin irra deddeebi’uuf fi loojistikaaf poolisii addaa irratti hirkatanii jiru.

Angawaan nageenyaa miidiyaa waliin haasa’uun waan hin hayyamamneef maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan tokko VOA sagantaa afaan Somaleef akka himanitti, al-Shabab jalqaba mooraa poolisii magaalaa Aatoo keessatti argamu haleele.

Angawaan naannoo Bakool kun akka jedhanitti, al-Shabab sana booda hidhattoonni irra deebi’uun bakkaa buufata poolisii addaa seenuu hdaan Yeed irratti haleellaa lammaffaa raawwachuu isaa mirkaneessanii jiran.

Booda irra hidhattoonni tarii humna poolisii addaa bakka sana akka hin geenye jeequuf ganda Washaaaqoo mortaaraan haleelan. Yeed fi Aatoon wal irraa fageenya kiiloo meetira 80 irratti kan argaman yoo ta'u, Washaaqoo ammoo daangaa Somaaliyaa keessa xiqqoo fagaatee jira.

Miidhaan qaqqabe hanga ammaatti hin beekamne. Neetworkiin bilbilaa naannoo sanaa Kibxata darbe harka caalu hin ture.

Dubbi himaan Al-Shabab Abdulaziz Abu Mus’ab qabsaa’onni garee kanaa Yeed fi Aatoo lamaan isaanii to’ataniiru jedhan.

Magaalonni Somaalee sadanuu waggoota dheeraaf poolisii addaa Itiyoophiyaa gama bahaa naannoo Somaalee dhufan baay’inaan keessummeessaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa loltoota gara 4,000 ta’an kanneen qaama ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa ta’uun Somaaliyaa keessatti tajaajilaa jiru qaba.

Hoogganaan al-Shabab Ahimed Umar Abu Ubaidah, waraabbii sagalee haaraa baasaniin, mootummaa Somaaliyaa haaraa loluuf dhaadachuun, gareen kun “mootummaa Islaamummaa irratti hin hundoofnee fi bulchiinsa seera Shari’aa guutummaatti hojii irra hin oolchine gonkumaa hin hayyamu”

jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG