Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen gaazixeessotaaf falmu CPJn finciltoonni Tigraay gaazexeessitoota hidhaman akka gadi lakkisan gaafatee jira


Gareen Gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) finciltoonni Tigraay gaazexeessitoota shan sabaa himaa biyya keessaaf hojjetan hatattamaan akka gadi lakkisan gaafateera

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) wal dhabdee baatii 20f mootummaa Itoophiyaa waliin tureen, Tigraayiin to'annoo jala oolche.

Baatii Waxabajjii 2021 immoo bulchiinsa yeroo qaamolee federaalaatiin hundeeffaman kuffise.

Hojjettoonni TV Tigraay kan TPLF waliin hidhata qabu shanan bara kana Caamsaa fi Waxabajjii keessa to'annoo jala ooluu isaanii CPJ ibseera.

Hogganaa olaanaa sabaa himaa kanaa duraanii, akkasumas gabaasa miidiyaalee hedduu fi madda dhimmicha keessa beeku tuquu dhaan gabaase CPJn.

Akka maddeen kun jedhanitti, gaazexeessitoonni kun mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi biyya bulchaa jiru Badhaadhina waliin hojjatan jedhamanii ''diina waliin tumsa qabdu jechuun himataman.

Garee 'diina' jedhamee moggaafame kam iyyuu waliin tumsuun yoo itti murtaa'e hanga hidhaa umurii guutuu ykn adabbii du'aa geessuu danda'a jechuun gareen kun gabaase jira.

Bakka bu'aa CPJ kan biyyootii Afrikaa uffee Sahaaraa gadii Muthokii Mumoo akka jedhanitti gaazixeessonni Tigraay keessa socho’an kaka’umsa siyaasaaf irratti fuuleffatamuu hin qaban, walaba jiraachuu fi hojjechuu qabu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG