Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Naannolee Yukireen Gama Kibbaa Itti Dabalaa To’achuu Kan Barbaaddu Ta’uu Beeksiste


FAAYILII - Ijoollee umuriin ganna 11 naannoo keellaa Kharkiiv jiru biratti tabachaa jiran, Adoolessa 20, 222
FAAYILII - Ijoollee umuriin ganna 11 naannoo keellaa Kharkiiv jiru biratti tabachaa jiran, Adoolessa 20, 222

Yukireen dhukaasa Raashiyaan Kamisa har’aa magaalaa Kaarkiiv irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoota lama ajjeesuu fi 19 madeessuu ishee gabaasteetti.

Bulchaan naannichaa Oleg Singuboov akka jedhanitti, namoota du'an keessaa tokko daa'ima yoo ta’u, namoonni afur haala hamaa keessa jiru.

Ministeerri ittisaa Biriteen Kamisa har’aa akka jedhanitti humnoonni Raashiyaa kutaa baha Yukireen naannoo Donbas keessatti haleellaa xixiqqaa itti fufaniiru.

Ministeerichi ibsa guyyaa guyyaa kennuun akka jedhtti Raashiyaan maadhee humna elektrikaa Vuhilee-hiskaatti dhiyaaaa jirti. Kunis kaaba baha Donetsk irraatti kan argamu yoo ta’u, humnoonni Raashiyaa iddoowwan bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an qabachuuf dursa kennaa akka jiran ibseera.

Raashiyaan mootummaa pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy kuffisuuf ykn magaalaa guddoo Kiiv kaaba Yukireenitti argamtu qabachuuf haleellaa ji’oota shaniif geggeessaa turte sadarkaa jalqabaa irratti hin milkoofne.

Garuu Laavroov gaaffiifi deebii Kibxata miidiyaalee mootummaa waliin geggeessaniin akka jedhanitti, Raashiyaan kana booda Donbas bakka adda baatonni Raashiyaa bara 2014 yeroo Raashiyaan Yukireen odola Kiriimiyaa dhuunfatte irraa eegalee humnoota Kiiv waliin wal’aansoo qaban qofaa keessatti hin dangeffamtu jedhan.

Yunaayitid Isteetis roobii kaleessaa akka beeksistetti, caasaa rookkeettii dabalataan Yukireeniif erguuf karoorfachuu ishee roobii kaleessaa beeksistee jirti.

Dubbi himaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Joon Kirbaay Kibxata darbe gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, dhaabi basaasa Yunaayitid Isteetis, Raashiyaan “lafa Yukireen isheen to’attu kallattiin abbaa biyyummaa Yukireen cabsuun to’achuuf bu’uura kaa’aa akka jirtu agarsiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG