Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Raashiyaa Masrii Daawwataa Jiran


Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa ,Sargee Laavroov , Adoolessa 24 Juli 2022.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov biyyi isaanii weerara Yukireen irratti raawwatteen kan ka’e, moggaatti qoodamuu dippilomaasummaa fi uggura biyyoonni dhihaa irraa kaa’an furuu ennaa barbaaddu kanatti angawoota Masrii waliin mari’achuuf jecha Kaayirootti argamu.

Laavroov Dilbata galgala Kaayirootti kan seenan yoo ta’u, imalli isaanii Afrikaa marsaa jalqabaa kun Ityoophiyaa, Yugaandaa fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti goruu illee kan dabalatu ta’a.

Dilbata galgala jalqaba, preezdaantii Masrii Abdel Fattah el-Sissi waliin, achiis gita isaanii Ministira Dhimma Alaa Sameh Shukrii waliin wal arganii jiran. Laavroov dhaabbata paan Arabaaf haasaa dhageessisuu isaanii dura muummicha barreessaa Liigii Arabaa Ahmed Aboul Geheit waliinis wal arguu isaanii Liigiin Arabaa beeksisee jira.

Laavroov Shukrii waliin ta’uun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, duula waraanaa Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessitu ilaalchisee angawoota Masrii kanneen wal dhabdeen kun gma siyaasaa fi dipilomaasummaan akka furamu gaafatan waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Laavroov mariin nagaa kanaan dura taasifamaa ture addaan cituu isaaf Yukireen himatan.

Dawwannaan Laavroov kun kan dhaga’ame prezidaant Joo Baayiden Giddu-galeessaa erga daawwatanii yeroo torban lama hin guutin keessatti. Baayidan gara Sa'uudii Arabiyaatti osoo hin qajeelin dura Israa'elii fi akkasumas kan dhuunfatamtee jirtu West Baankii daawwataniiru. Walgahii naannoo biyyoota Galoo Galaana Arabaa akkasumas Masrii, Joordaan fi Iraaq Sa’uudii Arabiyaatti gaggeeffame irrattis hirmaataniiru

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG