Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Tuniisiyaa Heera Haaraa Ilaalchisee Riferendemii Geggeessuuf Sagalee Kennanii Jiran


Tuniisiyaatti Heera Haaraa Ilaalchisee Riferendemii Geggeessuuf Sagaleen kennamaa jira
Tuniisiyaatti Heera Haaraa Ilaalchisee Riferendemii Geggeessuuf Sagaleen kennamaa jira

Lammiileen Tuuniziyaa wixata har’aa rifarandamii heera haaraa pirezidaant Kaayiis Sa’eediif aangoo dabalataa kennu irratti sagalee kennaa jiru.

Sagaleen kennuun kun kan dhaga’ame erga Saa’eed paarlaamaa hojii irraa rarraasanii waggaa tokko booda, biyyattii rakkoo siyaasaa fi dinagdee jalaa baraaruuf tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa dha jechuun falmaniiru.

Qeeqxonni heera haaraa kana aangoo dhuunfachuuf kan jedhan yoo ta'u, mormiin galmee kanaa, guyyoota sagalee kennuu dura turan keessatti gaggeeffame.

Dhaabbileen mormitootaa fi gareewwan hawaasa siivikii sagalee kennuun kun akka ugguramu waamich taasisanis, rifarandamichi ni darba jedhamee eegama.

Heerri yaadame kun Saa’eed, to’annoo ajaja sadarkaa ol aanaa guutuu, ajaja olaanaa waraanaa fi mirkanuu paarlaamaa malee mootummaa hundeessuu akka danda’an eeyama ni kenna.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG