Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Haleellaa Bufata Doonii Yukireen Odeessaa Haleelte


FAAYILII - Konkolaataa waraanaa Raashiyaa naannoo magaala Donetskii, Hagayya 192014

Raashiyaan Wixata har’aa haleellaan misaa’elaa buufata doonii Yukireen Odesaa irratti raawwatte waliigaltee midhaanni gara alaatti erguun deebi’ee jalqabuuf taasifame irratti dhiibbaa uumuu hin qabu jette.

Dubbi himaan Kremlin Dimitry Peskov akka jedhanitti, haleellaan kun bu’uuraalee waraanaa qofaa kan haleele yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa midhaan erguuf oolu waliin malli itti wal qabatu hin jiru jedhan.

Raashiyaan jalqaba haleellaa sambata gaggeeffame kana keessaa harka akka hin qabne haaltee turte, garuu Wiixata immoo humnoonni ishee itti gaafatamummaa qabau jette.

Angawoonni Yukireen waliigaltee Yukireen fi Raashiyaan Jimaata darbe mallatteessan hordofuun midhaan gara alaatti akka ergamu hojjechaa akka jiran himaniiru.

Tokkummaa mootummootaa fi Turkiin waliigaltee kana jaarsummaan gidduu seenuun gargaaraniiru, kunis dooniin Raashiyaan Galaana Gurraacha keessa jiru naannoowwan Raashiyaan dhuma Fulbaanaa keessa erga Yukireen weerartee as cufte keessa nagaa deddeebi’uun akka jiraatu ka gaafatu ture..

Qophiin kun rakkoo nyaataa addunyaa irratti mudate salphisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’uu isaatiif kan galateeffamu yoo ta’u, Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteereez “ibsaa abdii, carraa fi boqonnaa” ittiin jedhaniiru.

Haleellaa Sambaata darbe gaggeeffameen booda, Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy Raashiyaan waliigaltee midhaanii balaadhaaf saaxilaa jirti jechuun qeeqan.

Ministirri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken akka jedhanitti haleellaan kun “amanamummaa Raashiyaan waliigaltee Jimaata darbee irratti waadaa seentetti shakkii guddaa kan uume yoo ta’u, hojii Tokkummaan mootummootaa, Turkii fi Yukireen nyaata murteessaa ta’e gabaa addunyaatiin dhaqqabsiisuuf hojjetan kan miidhu dha” jedhan.

Forum

XS
SM
MD
LG