Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Haajaa Alaa Raashiyaa Michummaa Barbaacha Gara Yugaandaatti Qajeelan


FAAYILII - Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Russian Pirezdaantii Yugaandaa Yuwuverii Museveebii wajjn Intebeetti mari'atan, Adoolessa 26, 2022. Suuraa Minisitra Dhimma Alaa Raashiyaa irraa Rooytersiif ergame
FAAYILII - Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Russian Pirezdaantii Yugaandaa Yuwuverii Museveebii wajjn Intebeetti mari'atan, Adoolessa 26, 2022. Suuraa Minisitra Dhimma Alaa Raashiyaa irraa Rooytersiif ergame

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov wixata kaleessaa dawwannaa isaanii biyyoota Afriikaa sadaffaaf Yugaandaa kan galan yoo ta’u, kunis ardii Afrikaa waliin hariiroo cimsuu fi dhiibbaa biyyoota dhihaa weerara Moskoon Yukireen irratti raawwatte ilaalchisee deeggarsa barbaaduuf jecha.

Laavroov magaalaa Entebbee ennaa ga’an gita isaanii kan Yugaandaa Yugaandaa Jejee Odoongootiin simatamuu dubbi himtuun ministeera dhimma alaa Raashiyaa beeksisaniiru. Dippilomaatii olaanaa Raashiyaa kun Kibxata har’aa pirezidaantii Yugaandaa waliin mari’achuuf karoorfamee akka jiru dhaabbati oduu Raashiyaa Taas gabaaseera.

Yugaandaan biyyoota Afrikaa Bahaa hedduu hongee hamaa hordofee hanqina nyaataatiin rakkachaa jiran keessaa tokko. Qaala’iinsi jireenyaa sababaa waraana Yukireen ol ka’e dabalaa dhufuun dhiyeessii nyaataa naannichaa daran miidhee jira.

Biyyoonni gama dhihaa waraana Raashiyaa fi Galaana Gurraacha ishee irra midhaan Yukireen akka hin dabarre ugguruun ishee, gatii nyaataa addunyaa ol ka’uu isaa fi balaa beela gaanfa Afriikaa hammeesse jechuun himatu.

Raashiyaan haala nyaataa hin utuu hin eegamin mudate kanaaf qoqqobbii biyyoota dhihaan kaa'ame ilaalchisuun komee dhiyeessiti.

Yugaandaan akkuma biyyoota Afrikaa irra caalaan wa ldhabdee kana jidduu hin seenne. Daawwannaa isaanii Yugaandaatti aansee, Laavroov bakka waajjirri haadhoon gamtaa Afriikaa argamu Itiyoophiyaati imaluuf jiru.

Ennaa daawwannaa isaanii Afriikaa kana wal gahii Raashiyaa fi Afriikaa lammaffaa kan walakkeessa bara 2023 geggeffamu beekisuuf akka jiran dilbata kaleessaa Masrii keessatti ibsanii jiran. Yunaayitid Isteetis gumii ishee hoogganoota Afriikaa waliin baatii muddee keessa geggeessuuf karoorsitee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG